Gaaffii atattamaa kana jaalatti gaaffiin ani gaafachuu barbaadu ilmaan tigraay otoo hin taane nuti oromoodha warra ofiin jedhuuf yaada dhumaa fii dhaamsa dhumaa akkasumas gaaffii atattamaan qaba.
Walumaa galatti warri oromoo taatanii warra tiraay wajjin hojjattan hunda keessaniif gaaffiin ani isin gaafachuu barbaadu:-
1- Oromiyaa keessaa maatii qabduu?
2- Obboleewwan ykn ilmaan keessan mana barnootaa hin baratanii?
3- Mana barnoota isa kamitti baratu? ijoolleen keessani fii firri keessan?
4- Oromiyaa keessatti baratu yoo ta'eef du'uu fii madaawuu irraa akkamiin baraaraman moo firaa fii maatiyyuu hin qabdan oromiyaa keessaa?
5- Moo firrii fii maatiin keessanis maxxantuudhuma akka keessaniiti?
Gaaffiin kiyya gaaffii atattamaa ta'ee kan yeroo hunda na yaaddessu waa'eedhuma maatii keessanii waan ta'eef mee deebbii kennaa.waanti akka malee nama yaaddessu lammii keessan duwwaa otoo hin ta'in alagaa fii diina keessan warra ta'an hunda ofitti kofalchiisuu keessan akkasumas garaaf jecha lammiin keessan yennaa lafa kan irraa duguugaman maali dhiiga hin qabdanii?
**Oromoon waan jedhe yoo Onnee dhaban sonbatu nama duta jedha** isin garuu yennaa dhiigni ilmaan oromoo lammii keessanii mucaa waggaa 8 irraa kaasee hanga maanguddoo waggaa 90tti dhiigni isaanii dhangala'u ummata oromoo miti lammiileen gara biraayyuu kan biyyittii fii biyyittiin ala jiraatanis baayyee isinitti gaddaa jiru.onnee hin qabdan yoo ta'eef barattoota oromoo warra rasaasa keessan dura dhaabbatanii isiniin falmaa jiran irraa ergifadhaa maaloo seenaa oromoo fii gootummaa oromoo irratti bututtuu wayyaanee uffattanii hin dhiichisina.Ijoolleen oromoo yeroo ammaa kana akka baala mukaatti harcawaa jiran kun dhimma mataa isaanitiif jecha otoo hin ta'in mirga abbaa biyyummaa oromoo fii walabummaa oromiyaa kabachiisuf jecha daangaa oromiyaa irratti abidda keessanii fii rasaasa ilmaan tigraayin gara jabeenyaan ajjeefamaa jiru.
Galaanni darbuuf deemu fii namni du'aaf deemu sin abaarin jedha oromoon waanti hundi ni darba.hardhi boru miti.kalleessis boru ta'uu hin danda'u.kuni hundi otuu sammuu keessan keessa jira ta'eetii ilmaan keessan,lammii keessan kan irraa dhalattanii oromummaa lakkaawwattan irratti lola sanyii duguggaa labsitanii diina diinummaan isaa beekamee dirree jiru wajjin oromootti hin duultan ture.ilmaan oromoo isin akka bineensa bosonaatti ariitanii ajjeesaa jirtan kan isaan rasaasa keessaniin waadamaa jiran dhimma mataa isaanitiif otoo hin ta'in walabummaa oromoo kan isinillee dabalatef jecha daangaa oromiyaa irratti tarree galanii hiriirudhaan walqabatanii wareega kana jedhamee tilmaamamuu hin dandeenye kaffalaa jiru.barattootni oromoo otuu dantaa mataa isaanii barbaadu ta'ee akka keessaniitti jallee ilmaan tigraay ta'anii saba isaanii irratti duulu ture.garuu qalbeeffadhaa!!!ilmi namaa sammuudhan wal caala malee uumamaan wal hin caalu gaafa jedhamu isiniif fakkeenya fakkaata malee dhugaa isinitti hin fakkaatu.
Waanta akka abiddaatti garaa koo yeroo hunda na guggubaa jiru tuttuquun barbaade.innis:-biyya lafaa kana irratti lammiin alagaa wajjin lammii isaa ajjeese,madeesse,waraane,biyyaa baase,shiraan xaxee alagaaf dabarsee laate hangan ani beekutti OPDO malee akka biyya lafaa kana irratti hin raawwataminii fii hin dhagahamin dhiiga goototaatinan kakadha.isin silas maali dhugaas beektu mitii..Egaa yennaa oromiyaa guutuu keessatti kuni hundi raawwatamu akkuman asiin olitti jedheen yoo onnee dhaban sombatu nama duta.kanaaf wallagga lixaatti dubartii ilma ishee du'a irraa baraaruf jette ajjeestanii itti dabaluudhaan ilmuma ishee kan harmeen isaa lubbuu isaa baraaruf wareegamte mucaa ishees battalumatti ajjeestanii obboleessa isaas rasaasan gingilchitanii akka inni hin waldhanamnellee dhoowwitan.kana guutuu raawwattanii godina Arsiittis akkasuma dubartii gadi baatee waa bitachuuf deemtu akka isheen maatii fii ilmaan isheetti ol hin deebine allatti rasaasa keessaniin hanbistan.kana duwwaa miti gochaan isin lammii keessan irratti raawwattan.akka ijoo godhadheen yaada lamaan kutaa lamaan kana keessatti raawwate tuqe malee gochaa suukanneessan isin saba keessan irratti raawwattan oromoo duwwaa otuu hin ta'in warra afaan oromoo hin beeknee fii addunyaa guutuu mufachiisuu fii isin taajjabsiisee jira.
Kana wajjin wal qabachiisee kaasuu kanan barbaadu waa'ee buchillaan wayyaanee kan Geetachoo Raddaa jedhamtu tokko tuuta gaazexeessitoota biyya keessatiif kennitte kan nama hunda yaaddessee fi maalummaa isaa duubatti deebi'ee akkan yaadu na taasise.yennaa seenaa oromoo ka'ee dubbatamutti yeroo hunda waanuma dhugaa hin taane.soba kan namni kamiyyuu beeku akka gingilchaatti jalaan gadi firfirsitu.kunis barattoota oromoo warri kakaasaa jiran biyya alaa keessa taa'anii jettanii dubbattu.Eeyyee erga akkas ta'ee barattootni oromoo isin jibbannii warra biyya alaa jiran erga jaalatanii isin malif rakkkatturee biyyi keenya bilisummaa fii dimokirasummaan bulti erga jettanii gaaffii barattootaa maalif ukkaamsitu?abbaa barbaaddan deeggaruun mirga keessani jettanii yeroo hunda olola keessaniin ummata gurra duuchitu.yennaa ummatni oromoo waan tokko dubbate lola irratti labsitu.kana fakkaata mitiiree dimokiraasii fii walabummaan biyya keessanii?
Waantin duma irratti jechuu barbaadu kan keessan yaadayyuu dhuma hin qabu.
haata'u garuu waantin dhaamu isiniif ilmaan oromoos haadhaf ilma,abbaa akkakayyuu,akkayoos mucaa waggaa 5nis ajjeessaa hidhaa,biyyaa baasaa,tigreef baasasaatii ajjeesisaa qabsoon isaanii garuu otuu galma hin gahin kan hafu akka hin taane tokkittii kana hin dagatina.
Akkawaaq Jaalataa
Ce commentaire a été supprimé par l'auteur.
RépondreSupprimer