SEENAA GABAABAA ARTIST USMAAYYOO MUUSAA
Duuti
sabboonaa Oromoo artisti Usmaayyoo Muusaa gadda ummata Oromoo walii
galaa ta‘ee darbe baatii darban kanatti. Artisti Usumaayyoon jiruu fi
jireenya isaa keessatti dalagaa aartiin inni uummata isaaf kaa‘ee darbe
ammo artisti Usmaayyoo bara dhufaa darbu hunda akka yaadatamu isa
taasisa.
Wallisaa Oromoo beekamaa fi jaallatamaan Usmaayyoo Muusaa baatii Amajjii 1967 abbaa isaa Muusaa fi haadha isaa Faaxumaa Abdullaahi irraa
Baha Oromiyaa magaalaa Haroomaayyaatti dhalate. Artisti Usmaayyoon
jiruu fi jireenyaan ennaa ummata isaa wajjin lafa irra ture gara
laafinaa fi mararoo guddaa uumama Waaqni uume hundaaf qabaachuun
beekama.
Artiisti Usmaayyoo Muusaa mararoo fi jaalala saba isaaf qabu irraa kan
ka‘e jiruu fi jireenya isaa QBOf dabarsee wareeguudhaan Hawwisoo Caffee
Gadaa fi Baandii Gadaa Oromoo keessatti saboonummaa fi wallisummaan
baroota dheeraaf tajaajilaa ture. Oromoon qaamaan isaani beekuu fi
kanneen wallee isaa kaasetta irraa caqasan yeroo hunda imimmaantu isaan
dursa, sababni isaas maaliif akka ta‘e kan
beekaan Oromoota falma bilisummaa irra jiranii fi kanneen jiruu fi
jireenyaan waanjoo gabrummaa mootummaa Habashaa jalatti kufanii jireenya
hadhaawaa dirqiin dhamdhamsiiffachaa jiran qofatu beeka. Kanatti
dabalee amalli artistiin kabajamaan kun weeyitii lafa irra turetti
qabu, kokkofluun ,xabachuu fi kabajaan nama simachuunsaa yoom illee ija
hiriyyootansaa fi Oromoota qaamaan isaan beekan jalaa hin badu.!!
Artisti
Usumaayyoon Bara 1987 ega Abdii Mahammed (qophee), Kadir Sa’id, Adam
Haarun, Abdii Abraahim, Halloo Daawwee fi artistoata biro waliinis wal
bareen booda
fedhii jaalala muuziqaa tan isa keysa jirtu ifatti baasuuf Abdii Mahammed wajjiin hujii muuziqaa qindeyfate shakala xumuree albama tokkofaa isaa gitaara Ahis habbootan dabaalee mana muuziqaa JOLIY kan je’amutti gurgure. garuu kaasettiin isaa osoo magaalaarra hin ooliniif, sirni gitabittaa isappaa dargii qabsoo cunqurfamootaatiin bar bodaawe kufe. Kaasenni isaa saniis achumaan cilee bishaan buute tahee duraa hafe.
fedhii jaalala muuziqaa tan isa keysa jirtu ifatti baasuuf Abdii Mahammed wajjiin hujii muuziqaa qindeyfate shakala xumuree albama tokkofaa isaa gitaara Ahis habbootan dabaalee mana muuziqaa JOLIY kan je’amutti gurgure. garuu kaasettiin isaa osoo magaalaarra hin ooliniif, sirni gitabittaa isappaa dargii qabsoo cunqurfamootaatiin bar bodaawe kufe. Kaasenni isaa saniis achumaan cilee bishaan buute tahee duraa hafe.
Bara 1991 eega dargiin Caphe booda waamicha Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n Artistoota Oromoo hundaaf godhe kabajuudhaan Artist Usmaayyoon artistoota baayyee wajjin kaayyoo bilisummaa irratti hundaawee akeeka siyaasaa kaallacha qabsoo ummata Oromoo (ABO) fudhatee hawwisoo caffee gadaa wajjin magaalaa dadar keysatti gurmaawee qabsoo itti fufe. yaadannoodhaaf seenaa hujii isaa tan gaafasi keysaa Bilisummaaf imimmaan ijatoo walmaraa
Obese sirraa hafuu nindadhabe garaa
Sidhabee hinjiraadhu biyyatoo Oromiyaa … Kan jedhamutu keessatti argama.
Sirbi
Usmaayyoon sagalee isaa laayyoo alalaasaa ture, ummata Oromoo baayyee
garaa roraasee qabsoof Kakaase. Bara 1992 erga mootummaan Ce’umsaa
diigamteen boodas
Artis usmmaayyoon sirboota siyaasaa ummata Oromoo jajjabeessanii fi hamilee cimsan wallisaa ture.
Albama lammaffaa isaa nuyaamti kan
jadhu bara 1995 magaalaa irra akuma oolchetti, bara 1996 keeysa shira
Wayyaaneetiin sarbamee, qabamee hidhame. Waggaa saddet guutuus mana
hidhaa Zuwaay keessatti jireenya hadhawaa dabarse.
Bara 2004 keysa akka mana hidhaa Zuwaayii gad lakkifamettis ji’um sana keeysa albama 3ffaa “Hidhaa fi ajjeechaan hamilee nucabsu”
mata duree jedhuun baase.Gochaan isaa kunis Artist Usumaayyoon
yoomiyyuu qabsoo kana irraa boodatteetti akka hin deebine mirkaneesseef.
Artisti
Usmaayyoo Muusaa abbaa ijoolee shanii ture. Haati warraa isaa gannoota
saddetan Artist Usmaayyoon mana hidhaa mootummaa wayyaanee keessatti
rakkachaa ture gidduutti ijoollee guddisuu fi abbaa ijoollee ishee ammoo
mana hidhaa keessaa baasisuuf olii fi gad osoo fiigduu dadhabbii,
miidhamaa fi roorroo ishee mudateen ijoollee ishee dirreetti facaaftee,
abbaa warraa ishee mana hidhaatti dhiiftee addunyyaa kana irraa
godaante.
Artisti Usumaayyoon roorroo fi dararama qaamaa fi qalbii irra ga’aa tureen mana hidhaa Zuway keessatti baatii Sadaasaa bara 2006 addunyaa kana irraa du‘aan godaane.
Sirni
awwalcha isaas magaalaa Ciroo bakka uummatni Oromoo hedduminaan
irratti argamanii gadda isaanii haala xiiqii fi haluu baafannaa guddaa
of keessaa qabuun raawatameera.
Aucun commentaire:
Enregistrer un commentaire