SHAGGAR FINFINNEE

mercredi 6 janvier 2016

Amajjii 01,2016 Sababa dhimma master pilaanii Finfinneetiin walqabateen mormii barattoonnii Oromoo Yunivarsitii Haroomaayaa moora yunivarsitichaa keessatti kaleessa ganamarraa eegalanii gaggeessan gaga’ama guddaa lubbuu fi qaama isaaniirraan gaheef kan itti gaafatamuu qabu bulchiinsa yunivarstichaa fi mootummaa loltoota isaa hidhachisee barattoota nagaa irratti bobbaasedha jedhu barattoonni yunivarstii Haromaayaa Yaada nuuf kennaniin.
Barattoonni kun akka jedhanitti gaaffiin isaanii gaaffii mirgaati.Mootummaa maqaafis ta’u sirna dimokiraasii gaggeessa ofiin jedhuuf kan dhiyaatudha. Haata’uutii garuu Jalqabumaarraa kaasee , baratoonni Oromoo jeequmsa kaasu malu shakkii jedhuun gaafa guyyaa sambata duraa fi Dilbataa, baratoota doorsisuu fi keessa keessaa qabanii badii tokko malee gara mana hidhaatti guuraa turan.



Gochaan kun kan isaan aarse barattoonni Oromoo kun maaliif Oromummaa isaaniitiin barattoonni yakkamanii hidhaman akka hiikaman karaa nagaan gaaffii dhiyeessuuf waliigalan. Barattoonni hidhaman kunneen badii tokko illee hinqaban.Isa duras taanana Mooraan yunivarsitii Haromaayaa barattoota Oromoof bakka dhiphinaa fi mana hidhaati kan jedhan barattoonni haasoofsisfne kun, kan biraa hafee afaan Oromoo sagalee olkaasanii mooraa san keessatti dubbachuun ija addaatiin akka hordofaman isaan taasisa. 



Basaastoonni mootummaa huccuu sivilii uffachuun mooraa san keessatti bobbaafaman barattoota oromoo guyyuu gaaduun hisisaa,reebsisaa akkasumas barattoota oromoo ukkamsaa jiru.Haalli keessatti argaman barattoota Oromoof ulfaataa akka ta’e dubbatu.Mataa gadi qabatanii jiraachuu illee hindandeenye jedhu.
Kun odoo kanaan jiruu saamichi lafa Oromiyaa dhaabbachuu qaba.Qonnaan bultoonni Oromoo lafa isaaniirraa buqqifamuun dhaabbachuu qaba.Bosonni oromiyaa kanneen akka cillimoo ciramee mancaafamuun dhaabbachuu qaba.Ummata keenya yeroo ammaa balaa beelaaf saaxilamaniif gargaarsi gahaan yeroon dhaqqabuu qaba gaaffii jedhuu fi kanneen biroo, gara qaama mootummaatti akka dhiyaatuuf karaa nagaan, waraqaa barreeffattanii hiriira akka bahanis dursanii waajira Pirezidantii Yunivarsitichaatti beeksisanii turan.
Haaluma kanaan barattoonni Oromoo Yunivarsity Haromaayaa ganama keessaa sa’aatii 12:00 irratti walitti dhufanii karaa nagaatiin hiriiranii gaaffii isaanii gara waajira bulchiinsa Yunivarsitichaatti dhiyeeffachuuf aredu eegalan.
Sochii barattoota kanaa dhaabbatanii kan ilaalaa kan turan Pirezidantiin Yunivarsitii Haroomaayaa Prof.Camadaa Finiinsaa battalumatti Polisoota feedaralaa fi humni kora bittineessaa oromiyaa seenanii barattoota kana akka barbaadanitti tumaniif haala mijeeffachuu eegalan.
Wayita barattoonnii gaaffii isaanii dhagessisaa jiranitti humni koora bittinneessaa Oromiyaa fi Poolisonni Fedaraalaa duraanuu kallattii arfaniin baratoota marsanii waan jiraniif , suutuma baratoota gara dirree bal’insaatti dhiibuu ittifufan.
Galma guddaa “Afran Qal’oo” fi Dirree kubbaa miilaa fuulduraatti dhiibanii baasan.
Achittis erga pireesidaantiin Yuunivarsitiichaa profeesaar Camadaa Finiinsa baratoota dubisuun gaaffii keessan qaama dhimmi isaa ilaallatutti dabarsinatti gara barumsa keessaniitti deemaa jedhanii booda,ajajaan poolisii tokkoo sagalee fooricuu ykn fiishikaa idda ageessisee booda baratoota uleen reebuu fi rasasaan dhahuu eegalan.

Sana booda baratoonni iyyaa gara kutaa ciisichaa ykn doormii isaaniitti baqatan.Qalama qofa kan harkaa qaban barattoonni Oromoo gonkumaa jalaa bahuu hindandeenye.
Reebicha ,dhukaasa gaaza ija nama gubuu fi kallattiin barattoota irratti dhukaasuu eegalan.Barattootni kutaa cisichaa isaaniitti oldeebi’anii dhokachuuf yaalanis jalaa bahuu hin dandeenye.
Kana boodas ; mana ciisichaa ykn doormiin baratotaa hedduu waan turee fi baay’inni barattotaas bayyee waan ta’eef humna dabalataa: poolisii naannoo Hararii konkolataa sadii fi poolisii federalaa kokolataa shan galchuun tokko tokkoon doormii irra deemuun baratoota mana keessa jiran irratti balbalaa fi foddaa cabsuun itti seenanii saanjaan waraanuu fi uleen reebuu akkasumaas rasaasaan dhahuuf ittii dhukaasa turan.
Uffata poolisii federalaa uffachuun, humni waraanaa Agaazii jedhamu seenee garmalee , haala sukkanneessaa fi gara jabeenyaan barattoota saanjaan kan waraana turan ta’uu barattoonni irraa hafan kun kan ibsan.Sana booda moora sun dirree waraanaa fakkaata ture kan jedhan barattoonni kun walumaagala sababa kanaan Barattuun shamarree tokkos uleedhaan bantii ishiirra waan dhahamtee lubbun ishii darbuu hinoolle jedhan.Barataan biraas rasaasaan rukutamee ture.
Kan hedduu nama gaddisisu Wayituma sanatti Barataan tokko harka isaanitti du’uu irra jechuu gamoo darbii arfaffaa irra ofdarbatee turee innis du’uu hin oolle jedhan.Kanaaf hanga ammaati lubbuun barattoota sadii darbuu akka hin oolle barattoonni kan ibsan.
Nutis dhimma barattoota lubbuun isaanii darban jedhame kana qulqulleeffachuuf gara pirezidantii Yunivarsitii Haromaayaa Prof.Camadaa Finiinsaatti bilbillee erga bilbila nuu jalaa kaasanii booda afuura balleeffatanii nuu dhaggeeffataa turan.
Wayita ammaa Barattoonni 500 itti tilamaamamn mooraa keessa bahuun gara jiraattoota naannoo araddoota Tuujii Gabbisaa, Finqillee fi Xiniqqee tti baqachuun yoo dhokatani illee araddaa hunda irra haala baay’ina uummataa waliin walgituun humni milishaa hidhatee jiru waan tureef, humna kanatti fayyadamuun koora bittineessaan oromiyaa mana qotee bulaa tokko tokkoon irra deemuun barattota basaa jechuun qonnaan bultuuto cinqaa jiru
Qoteebulaan tokko kan araddaa Xiniqqee baratoota mana isaa keessa dhokisee waan jiruuf baasii nutty kenni yeroo jedhanitii akka jedhe: Oromoon lammii isaa issatti baqate dabarsee kennuu mitiitii diina isaallee dabarsee hin kennu narraa deemaa jennaan isa reebuutti yeroo kan’anitti meencaa fudhachuun poolisii tokko sadarkaa du’aa irraan gahee jira
Qonnaanbultoonni tokko tokkoo soda irraan ka’uun baratootatiin gara ta’etti baqadhaa jedhan.

Baratoonni 100 ta’an deemisa lukaa hanga kiloomeetira 30 kutuun magaala Dirree Dawaa xiyyoo yeroo gahanittii bakka Kellaa sakata’insaatti poolisoonni qabanii gaafachuun gara Yuunivarsitii Haramayaatti bilbiluun konkolataa lama ergaati kootaa fudhadhaa jedhanii waan itti himaniif Yunivaristiin konkolaatota yoo ergellee baratoonni nuti achi hin deebinutii isiin akka feetan nu godhaa waan jedhaniif konkolaatonni sun qullaa isaanii gara dhufanitti deebi’aniiru.
Barattoota oromoo Yunivarsitii Haroomaayaa dararaan hamaan irratti raawwatamus hanga ammaatti mormii fi gaaffii mirgaa gaafataa jiran irraa ofduuba hindeebine.
Music
Egaa daawwattoota keenyaa haalli gaddisiisaa barattoota oromoo Yunivarsitii haromyaaaa irratti raawwatamee fi raawwatamaa jiru kana fakkata.Wayita ammaa gaaffii mirgaa barattoonni oromoo guutummaa oromiyaa keessatti gaafataa jiran marti isaa walfakkaata.Tokkoof tokko sababa Maaster pilanii Finfinneen samichi lafa oromoo irratti raawwatamaa jiru akka dhaabbatu jechaa jiran.

Mootummaan kun Fedhii uummata oromoo dursuu irra har’aillee humnaan itti deemaa jira.Gaaffiin kun gaaffii uummata oromoo maraa ta’uun haqa dirree irra jirudha.Qondaaltoonni mootummaa kanneen akka Abbaa duulaa Gammadaa waggaa dabre wayita marii uummata Amboo waliin gaggeesseetii master pilaniin kun yoo fedhii uummata oromoo keessa hinjiraanne akka haqamu waadaa galanii turan.
Baatii ja’a booda garuu warri sirnicha fi mootummicha harkaa qaban kanneen akka Obbo Abbaay tsehayyee jaallattanis jibbitanis hojjiirraa oola.Inumaa iyyuu dhaaba akka OPDO gadi xiqqeessanii warra achii keessatti waan kun akka hojiirra hin oolle godhan likkitti galchina jedhanii tii dhadatan.
Marii dheengaddaa Buurrayyuutti taasifame irratti drama walfakkaataa akka waan aangoon harka jiru Obbo Lammaa Magarsaa yeroo lammaaf oromoo gowwomsuuf yaalan.
Maaster pilaniin kun yoo warqii dhangalaa ta’e illee uummanni oromoo hinfedhu taanan hojiirra hin oolu jedhan.Uummanni oromoo gutummaatti akka mormaa jiru odoo quba qaabnii kaleessa akka caffee oromiyatiin ragaasifamu kan godhan obbo lammaa ta’uu oromoon ni beeka.Sababa kanaan lubbuun oromoota hedduu akka itti wareegame kan isaan caalaa beeku hin jiru.Dhumaatii sabab kanaan barattoota oromoo irratti raawwatamaa jiruuf seenaa keessatti kan itti gaafatamu bulchiinsa caffee mootummaa naanoo oromiyaa fi dhaaba OPDON hooggnamu ta’uun dagatamuu hin qabu.
Egaa daawwattoota keenya gabaasa addaa dhimma mormii barattoota oromoo Maaster pilaanii Finfinnee irratti taasisaa jiran dukaa buunee kan isiin biraan geenyu ta’a.


                                         Akkawaaq  Jaalataa

Aucun commentaire:

Enregistrer un commentaire