Duraan dursee nagaan koo kan oromummaa bakka jirtan hundatti isin haa gahu kabajamtoota sabboontota ilmaan oromoo hunda akkam jirtu jechuudhaan nagaa koo kan oromummaa qilleensa irraan isin haa gahu isiniin jechaa nagaa koo gabaabduu kanatti aansee waantin jechuu barbaadu asiin gaditti kan argamu ta'a.
Sadaasa 16, 2015) — Sadaasni 9 guyyaan yaadannoo Fincila
Diddaa Gabrummaa (FDG) waggaa 10ffaan Oromiyaa godinaalee adda addaa
keessatti sabboontotaa Oromootiin sirnoota garaagaraatiin bifa ho’aa fi
miidhagaa taheen kabajamee jira.
Waggaa kurnaffaan guyyaan
kallachi qabsoo bilisummaa Oromoo, Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n, ummata
Oromootiif waamicha diddaa garbummaa labsee fi guyyaan goototni ilmaan
sabaa sirna gabroomfataa irratti fincila diddaa garbummaa qabsiisuun
wareegama qaalii baasan, Sadaasni 9 dargaggoo-shamarranii fi barattoota
dhaabbilee barnootaa adda addaatiin akkasumas ummata Oromoo biratti gaaf
Jala-bultii, Sadaasa 8 bara 2015 irraa eegalee yaadatamee ooluu
gabaasaaleen nu dhaqqaban ibsaniiru.
Ummanni, barattootni,
dargaggootnii fi hojjetaan waajjiraalee mootummaa huccuu gaddaa
uffachuudhaan guyyaa FDG haala mul’ataa fi boonsaa taheen yaadatee
ooluun barameera. Barattoonni Oromoo yunvarsiitiilee adda addaa keessa
jiran guyyicha huccuu gurraacha uffachuun gaddaan kan yaadatan yoo tahu,
guyyuma seena-qabeessa kana sababeeffachuunis dhimmoota qabsoo irratti
mari’atanii murtii dabarfataniiru; QBOfis gumaacha taasisaniiru.
Godinaalee
Oromiyaa adda addaa keessatti dargaggoo-shamarran (Ka’imman) fi
barattoonni Oromoo huccuu gurraacha uffatuu fi dungoo halluu alaabaa ABO
qabu qabsiifachuudhaan kabajaa ilmaan Oromoo FDG fi qabsoo bilisummaa
irratti wareegamaniif qaban ibsuudhaan guyyicha gaddaan yaadatan. Ilmaan
Oromoo sirna yaadannoo kana taasisan suuraalee gootota wareegamanii
qabachuudhaanis akeeka wareegamtootaa galiin gahuuf irbuu haaromfachaa
gaddaan yaadataniiru. Akkasumas bakkoota gariitti ummanni keessumaa
qonnaan bultoonni Oromoo barattoota Oromoo diddaa karoora Maastar
Pilaanii wayyaanee irratti wareegamaniif yaadannoo taasisuudhaan Waggaa
10ffaa FDG akka yaadatanii oolantu barame.
Haaluma kanaan qeerroon dargaggoo-shamarranii fi barattoonni Oromoo
sabboonoon Yunvarsiitiilee Amboo, Wallaggaa, Jimmaa, Adaamaa, Dirree
Dawaa, Haramaayaa, Hawaasaa, Arbaa Minci, Bulee Horaa, Maddaa Walaabuu
fi Finfinnee akkasumas Koolleejjii Barsiisotaa Jimmaa, Mattuu, Naqamtee
fi Manneen Barnootaa Sadarkaa 2ffaa Oromiyaa keessa jiran garaagaraatti
sirna yaadannoo guyyaa FDG waggaa 10ffaa bifa adda taheen kabajanii
oolan.
Baarattonni Yunvarsiitiilee adda addaa keessa jiran waggaa
10ffaa guyyaa FDG walitti dhufuudhaan yaadatan kunneen waytuma kanatti
marii taasisaniin booda, dhaaba kallacha qabsoo bilisummaa Oromoo ABO
cinaa ni dhaabbanna, deeggarsa taasisuun dabalatatti wareegama nu irraa
eegamu kam iyyuu baasuufis qophii dha jechuun waadaa isaanii
haaromsaniiru. Barattotni yuniversitii Amboo fi koolleejjii garagaraas
mataa haaddachuu fi hidhachuudhaan, huccuu gurraacha uffachuun magaala
keessa sirna gaddaan deddeebi’uun barattootaa fi qabsaawota
wareegamaniif yaadannoo addaa taasisanii jiru jedha gabaasni nu
dhaqqabe.
Guyyuma seena-qabeessa ilmaan Oromoo hedduun FDG
finiinsuun wareegama qaalii itti baasan kana sababeeffachuudhaan
mooraalee Yunvarsiitii adda addaa keessatti waraqaan waamicha FDG
dhiyeessu Sadaasa 8, 2015 irraa kaasee bittinneeffamuu fi maxxanfamuunis
ibsameera. Haaluma kanaan Yunvarsitii Finfinnee fi Riifti Vaalii
dabalatee Koolleejjota adda addaa keessatti waraqaan, Oromoon kamuu
MASTER PLAN wayyaaneen baanu dura dhaabbatee akka fashalsuu qabu
waamicha dhiyeessu maxxanfamee buleera.
Ilmaan Oromoo hoji-dhablee
tahanii fi hojjettoonni mootummaa sirnichaan hojii irraa arihaman
akkasumas barsiisonni sabboonoonis barattoota waliin tahuun gamtaadhaan
guyyaa yaadannoo gootowwan Oromoo diddaa gabrummaa fi mirga abbaa
biyyummaaf wareegamanii waggaa 10ffaa bifa ho’aadhaan kabajaniiru.
Sirnuma kana irrattis akeeka ilmaan sabaa lubbuu itti wareegan galiin
gahuudhaaf ABO cinaa hiriiranii QBO caalaatti finiinsuuf waadaa
haaromfatan. Guyyuma kana sababeeffachuunis tinnisa qabsoof kan oolu
gumaacha maallaqaa taasisaniiru.
Guyyaan Seena-qabeessi kan Sadasa
9, 2005 Fincilli Diddaa Gabrummaa labsa ABOtiin bifa haaraan itti
finiine, waggaa kurnaffaan, haaluma walfakkaatuun Godinaalee Oromiyaa
adda addaa keessatti sirnoota adda addaatiin yaadatamee fi kabajamee
ooleera. Akka kanaan Godina Lixa Shaggar magaalaa Amboo, Godina Horroo
Guduruu Wallaggaa, Godina Baha Wallaggaa magaalaa Naqamtee, Godina Dhiha
Wallaggaa Gimbii, Godina Qeellam Wallaggaa Dambii-Doolloo, Godina Iluu
Abbaa Booraa Mattuu fi Baddallee, Godina Jimmaa, Kibba-Lixa Oromiyaa
naannawa Walisootti, magaalaa Guddittii Oromiyaa Finfinnee fi magaalota
Addaa Naannawa Finfinnee jiranii fi magaalaa Adaamaatti sabboontota
ummata Oromoon bifa haalaan ho’aa taheen itti fufiinsaan kabajamaa
jiraachuu gabaasni SBO gahe ni addeessa.
Sabboontotni Ummatni
Oromoo, Qeerroon dargaggootni ykn barattootni Oromoo fi qabsaa’otni
Oromoo barii lafaa irraa eegaluun dungoo halluu alaabaa ABO qabu,
Diimaa-Magariisa-Diimaa qabsiifachuun ilmaan Oromoo Sadaasa 9 bara 2015
Qabsoo FDG irratti wareegamaniif yaadannoo gaddaa daqiiqaa muraasaa erga
taasisanii booda, guyyaa guutuu hojjetaan hojii dhaabuun, barattoonni
barnoota dhaabuun, daldalaa fi sabboontotni ummatni Oromoos QBOf
falmachaa jiranii fi deeggaraa jiran hunduu hojii idilee isaanii
dhiisuun “Kaayyoo ilmaan Oromoo goototni keenya irratti wareegaman
galmaan ga’uu qabna, irree keenya caalaatti jabeeffachuun yeroon gamtaan
dirree qabsootti seennee falmannu amma.” jechuun bakkoota hedduutti
tooftaalee fi Maloota Qabsoo Warraaqsa FDG itti finiinsuun danda’amu
irratti marii bal’aa gaggeeffachaa oolan. Kanuma waliinis irbuu QBOf
qaban irra deebi’uun waliif haaromsuun, suuraalee gootota FDG irratti
wareegamaniillee akka kennaatti waliif kennuu fi suuraaleen kunis akka
ummata Oromoo hundaaf itti fufiinsaan raabsamu irratti hojjetamuu akka
qabus ibsaniiru.
Sadaasni 9: yaadannoon FDG baranaa kun Godinaalee
Oromiyaa mara keessatti gaaf Sadaasa 8 bara 2015 irraa eegaluudhaan
torbee tokkoo oliif itti fufiinsaan akka yaadatamuu fi dhimmoota
warraaqsa diddaa gabrummaa ilaallatan irratti mariin akka gaggeeffamu
Qeerroon Bilisummaa Oromoo murtii guyyaa kana ilaalchisuudhaan dabarseen
hubachiiseera.
Sadaasni 9 2005, guyyaa seena-qabeessa waamicha
sochii Warraaqsa FDG ABOn ummata Oromoo hundaaf taasiseen biyyatti
keessatti dargaggootni Oromoo dhalootni haaraan; dhaloonni qubee, sochii
warraaqsaa biyyaalessaa gaggeessuun qabsoo bilisummaa Oromootti
makamanii fi QBO ABO’n durfamu daran fuulduratti furgaasuun bilisummaa
ummata Oromoo fi walabummaa Oromiyaa dhugoomsuuf lubbuu bakka bu’uu hin
dandeenyee itti wareegan tahuun Oromoo hundaa biratti yaadatama. Ilmaan
Oromoo qaroo ta’an wareegama qaalii kafaluun kan diina dura dhaabbatanii
falmataniif Oromummaa fi mirga abbaa biyyummaa Oromoof yoo tahu, wayta
ammaa kanas duula mootummaan wayyaanee Oromoo fi Oromiyaa irratti bane
dura dhaabbachuudhaan diddaa mul’isanii wareegama baasuudhaan falmaa
adeemsisaa wayta jiranitti kabajamuun guyyaa FDG, yaadannoon kun ummata
biratti miira addaatiin akka kabajamu taasiseera.
Wayta diinnan
Oromoo maqaa MASTER PLAN magaalaa Finfinnee jedhuun Oromiyaa qircuu fi
dachee Oromoo saamuuf akkasumas eenyummaa Oromummaa wareegama ilmaan
Oromootiin dhabama irraa hafee as gahe irratti duula banaa jiranitti
waggaa 10ffaa FDG kabajuun ummanni keessumaa qeerroo fi barattoonni
Oromoo xiiqii fi kutannoo jabaadhaan diina dura dhaabbatuun wareegama
feesisu baasanii bittaa gabrummaatti xumura gochuun gumaa wareegamtootaa
bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaatiin baasuuf akka caalaatti
sochii isaanii finiinsan waadaa qabsoo bilisummaa Oromoof qaban
haaromsachuun ibsame jira.
Mootummaan Wayyaanee Sochii Guyyaa
Yaadannoo FDG ilaalchisuun gaggeeffamaa jiruu fi barruulee warraaqsaa
gaggabaaboo guyyuma kana sababeeffachuun bakkoota hedduutti
bittinneeffamaanii fi maxxanfaman irraa jeeqama keessa galuun humna
waraanaa guddaa magaalota akka Amboo, Shaambuu, Naqamtee, Jimmaa, Gimbii
fi Naannoo Yunivarsiitoota Oromiyaa keessa jiran kanneen Akka Jimmaa,
Naqamtee fi Ambootti akkasumas magaalota keessa heddumminaan qubsiisuun
ummatni daandii irra akkatti adeemu hanga rakkachuutti gahuutu ibsame.
Tahus sirna yaadannoo guyyaa FDG kana dhaabuu fi yaada barattootaa fi
ummataa hanqisuu akka hin dandahin beekuun danda’ameera.
Akkawaaq Jaalataa
Aucun commentaire:
Enregistrer un commentaire